Important Announcement
PubHTML5 Scheduled Server Maintenance on (GMT) Sunday, June 26th, 2:00 am - 8:00 am.
PubHTML5 site will be inoperative during the times indicated!

Home Explore Hubannoo Bu'uuraa WBBH

Hubannoo Bu'uuraa WBBH

Published by wansarbos, 2023-06-12 12:24:48

Description: Hubannoo Bu'uuraa WBBH

Search

Read the Text Version

Hubannoo Waldaa Bulchiinsa BosonaaHirmaachisa Temesgen Yadeta September ECFF _Metu site office 2022

Bulchiinsa Bosonaa Hirmaachisaa ➢ Bulchiinsa Bosnaa Hirmaachisaa Jechuun tooftaa uummati naannoo bosonaa jiraatuu fi Mootummaan waliin bosona ittiin bulchan jechuu dha. ➢ Management is the process of dealing with or controlling things or people. ➢ Hirmaachisaa kan jedhameefis qaami lamaanuu gahee fi itti gaafatamummaa waan qabanii fii dha.

Bosonni Maaliif eegama? a. Bosonni naannoo jireenyaa mijataa uuma - Madda jidhinsaa ti /qonnaan hundi jiidha barbaada - Eeegumsa Biyyoo fi bishaanii tiif ni gargaara, b. Madda Hannisaa ti /qoraan cilee,.. c. Meeshaa ijaarsaa fi meeshaalee manaa fi qonnaa d. Madda galii /70% galii IAB fi Buno Bedele

BBHn Maaliif Barbaachise? 1. Qabeenyi Bosonaa waan xiqqaachaa adeemeef 40% iirraa 2% 2. Mootummaan qophaa isaa bosona eegee tursiisuu waan hin dandeenyeef ( sirna dargii irraa hanga ammaatti lafti kan mootummaa fi kan uummataa ti) Tooftaaleen hanga ammaatti yaalaman hin milkoofne - Waardiyaa dhaan eeguu - Daangessanii eeguu - Misoomsanii bakka buusuu /muki gosti muraasi bosona miti - Kkf

Maaliif milkaa’uu hafe? a. Bosonni waliinii “miira abbummaa” waan hin qabneef, ‘keenyaan kan warraa ti kootiin kan ofiiti’ b. Uummati naannoo bosonaa irraa faayidaa malu waan hin arganneef, /karoora malee fayydamuu, hatanii fayyadamuu…qofti faayidaa gahaa miti

Utubaalee BBH (Hojiilee ijoo BBH) • BBHn utubaalee sadii qaba; isaanis Bosona eeguu, Bosona Kunuunsuu fi Bosona irraa fayyadamuu jedhamu. BBH Bosona Bosona Bosonarraa Eeguu Kunuunsuu Fayyadamuu

Eegumsa Bosonaa • Eegumsa bosonaa jechuun rakkoo uumamaa fi namtolcheen bosona irra gahan eeguu jechuu dha. Bosna Qonnaa - Balaa Abiddaa, - Ciramiinsa Bosonaa - Baballina lafa Qonnaa - Qubatiinsa bosona keessaa -kkf…….

Kunuunsa Bosonaa • Kunuunsa bosonaa jechuun bakkeewwan balaa uumamaa fi nam-tolcheen bosonni irraa manc’e akka deebi’ee misoomu mijeessuu jechuu dha. • Fakkeenyaaf ✓ Gaaddisa bunaa, ✓ Bakka namaan cirame, ✓ Mukoota faayidaa qabaniin bosona gabbisuu

Ittifayyadama Bosonaa • Itti fayadama bosonaa jechuun faayidaa uumati bosona irraa argatu bifa qindaa’aa fi karooraan hooganamee hojiirra oolu jechuu dha.

Unka Karoora Bulchiinsa Bosonaa Unkaalee

Walitti hidhamiinsa Waldaa BBH fi Garee Bulchiinsa Bosonaa Qaamolee adda addaa Mootummaa waliin Daldala Bu’aa Bosonaa waliin waliigaltee marii gaggeessuu uumuu Sochii Uummataa Uuumuu Waldaa BBH Garee Bulchiinsa Bosonaa Cimsuu

Hubannoo BU’UURAA WALDAA HOJII GAMATAA

Hiikaa WHG (Meaning of Cooperatives ✓ Fedhii miseensonni dhuunfaan ba’achuu hin dandeenye humna, beekumsaa fi dandeettii isaanii walitti qindeessuun kan itti ba’atanii dha. ✓ Rakkoo diinagdee fi hawaasummaa kan itti hiikkatan,akkasumas meeshaa jiruu fi jireenya ofii ittiin fooyyeffatanii dha. ✓ Rakkoo aadaa qusannoo qabanu kan ittiin hiikkannu ta’uu, ✓ Jijjiirama yaada guddina waliin kan keessatti gabbifatanu ta’uu,

Hiikaa ICA (International Cooperative Alliance/ ✓ WHG gurmii ummataa walgargaruuf fedhii isaanii irratti hundaa’ee kaayyoo isaan dhaabbataniif galmaan gahuudhaaf, akkasumas dhaaba diinagdee gurmii tiin tajaajila hawaasaaf kennuu dha. Seenaa dhufaatii Waldaalee hojii gamtaa ✓ Eegalamuu ijaarsa/Gurmii Waldaa Hojii Gamtaatiif sababa kan ta’e rakkoo hawaas-dinagde yeroo warraaqsa industirii umame keessa ba’uun dhuunfaadhaan sochii godhamaa tureen milkaa’uu waan hin dandeenyeef, hawaasni ijaaramee, rakkoo isa qunnameef furmaata argachuuf akka ta’e ni dubbatama.

Kaayyoo Gurmii Waldaa Hojii Gamtaa ✓ Qabeenya, beekumsa fi humna faffaca’ee jiru walitti qindessuudhaan rakkoo hawaas-diinagdee fi aadaa miseensonni dhuunfaan hiikkachuu hin dandeenye karaa ammayawaa ta’een hiikkachuu dha. ✓ Beekumsa tekniikaa gara hojii qabaatamaatti jijjiiruun baasii Oomishaa fi tajaajilaaf ba’u xiqqeessuun jireenyi miseensotaa akka fooyya’u taasisuuf.

Dudhaalee WHG 7’n/7 principles of Coops ✓ Waldaaleen hojii gamtaa dudhaalee akka adduunyaatti irratti walii galmeefi akka biyya keenyaattis fudhatama argatanii fi itti amanaman kanneen ICA /International Cooperative Alliance/ biratti beekamtii qaban kan bira hin darbamne dudhaalee torba/7 Principles /torbatu jira.

1. Miseensummaan fedhii irratti kan hundaa’ee fi hundaafuu banaadha/Voluntary & Open membership ✓ Miseensummaan fedhiin jechuun, namni WHG tiin gurmaa’uus ta’ee kan WHG gurmaa’eetti miseensa ta’u kamuu bu’aa fi faayidaa WHG irraa argatu erga sirriitti hubatee booda kan fedhii isaatiin itti seenu jechuu dha. ✓ Hundaafuu banaadha jechuun hawaasa fedhii walfakkaataa qabuu fi daangaa tokko kessatti argamu galuuf barbaaduuf banaadha jechuu dha.

2. Karaa Diimokraatawaa ta’een kan ofiin of bulchuu fi miseensotaan walqixa kan to’atamu ta’uu/Democratic members control/ - Kana jechuun:- ✓ Miseensonni hunduu sagalee walqixa qabu ✓ Miseensonni /yaa’iin walii galaa aangoo ol’anaa qabuun koree hojii raawachiistuu, koree to’annoo fi koree xixiqqaa biroo of keessaa filachuun kan karaa diimokraatawaa ta’een of bulchanu jechuu dha. ✓ Koreen filatamu yeroo isaa eegee wagaa 3’n karaa diimookraatawaa ta’een aangoo waliif kan dabarsuu ta’uu isaa jechuu dha.

3. Kaappitaalli Waldaa Hirmaannaa Miseensotaa irraa jalqaba /Members economic participation/ • Kana jechuun:- • Waldaaleen hojii gamtaa kaayyoo ijaaramaniif galmaan ga’uuf, dudhaa murteessaan dudhaa kana jechuun ni danda’ama. Kunis kaappitaalli hojiif barbaachisu bu’uura dudhaa kanaatiin kan argamuu dha. ➢ Kunis karaan/tooftaan ittiin argamu:- 1.Kaffaltii galmee miseensota irraa funaanamu • Kaffaltiin kun yeroo tokko qofaaf miseensa tokko irraa kan fuudhamu ta’ee hojii raawwachiistuu waldaa waan ta’eef miseensaaf kan hin deebinee dha. Waldaan qarshi bifa kanaan argatuun meeshaalee waajjiraa, sanadoota adda addaa fi baasii hojii raawwachiistuu kan taasisatanii dha.

Dudhaa 3ffaa itti fufe… 2.Qooda /Share Capital/ ✓ Kaappitaalli waldaaleen kaayyoo ijaaramaniif ittiin argatanu karaa gurgurtaa qoodaatiin /bifa qoodaatiin kan sassaabamuu dha. Gatiin qooda tokko kan murtaa’u, kaappitaala hojiif waldicha barbaachiisu giddu galeessa godhahuun ta’ee, humna bitachuu miseensota ka’umsaa fi miseensa hooratamanuu ilaaluun murtaa’uu ni danda’a. ✓ Miseensi tokko miseensa jedhamuuf qooda murtaa’ee keessaa yoo xiqqaate tokko yoo bitate ta’ee, akkataa waldaaleen danbii bulmaataa fi dambii keessoo baafataniin qooda dabalaataa bitachuuf ni dirqama.

Dudhaa 3ffaa itti fufe… • Waldaan murtee miseensotaan hojii karooraan qabame milkeessuuf hirmaannaa bu’aa qulqulluu/dividend/ waggaa murtaa’eef guutummaatti ykn hanga murtaa’ee,miseensonni gara qoodaatti akka naanneeffatanu gochuun kaappitaala guddifachuu ni danda’a. • Qarshiin miseensi qooda ittiin bitatu, kan miseensonni bu’aa itti argatanuu fi yoo miseensummaa dhiisan fudhatanii ba’uu danda’anii dha.

Dudhaa 3ffaa itti fufe… Miseensi waldaa Oomisha isaa waldaa isaatti kennuun waldaan gatii fooyya’aatti gurguree, gatii walii galteen ittiin seename yeroo gurguramu kennuufiin, dabalataan bu’aa kanqulqulluu argachuu danda’anu ta’uun hirmaannaa diingdee miseensaa keessa isaa murteessaa dha. Hata’u malee barteen miseensota waldaalee keenyaa waldaa akka qaama biraatti ilaaluun bittaan malee akka itti hin dhiyeessine ta’uu,Ogeessonnis dhimma kana beekanii hirmaachisuu dadhabuun sirraa’uu qaba.

Dudhaa 3ffaa itti fufe… Aadaa qusannoo cimsuun waldaaleen kaayyoo ijaaramaniif milkeessuuf qusannoo mallaqaa, Oomishaa fi kan biroon hirmaannaan miseensotaa cimaan kan keessatti taasifamu ta’uu, 5. Hirmaannaa humnaa fi beekumsa qabanuun miseensonni waldaa isanii keessatti taasisanu baasii humnaaf ba’u ambisuun bu’aa waldaalee ol guddisuu irra darbee, Miira abbummaa miseensotaa kan guddisuu dha.

Dudhaa 3ffaa itti fufe… • Inni guddaa fi murteessaan waldaa tokko bu’a qabeessa jechisiisu, tajaajila walitti fufaa waldichi kennuun mit-miseensonni fedhiin gara waldaatti kan dhufan yoo ta’e hirmaannaan diinagdee miseensotaa cimeera jedhamuu danda’a. • Waan kana ta’eef dudhaan 3ffaan dudhaalee WHG keessaa isaa murteessaa ta’ee kan hojii irra oolu qabu waan ta’eef qixa barbaadamuun hojiitti hiikamuu qaba.

4.Waldaalee hojii gamtaa kan ofiin of bulchanuu fi bilisummaan kan socho’anuudha. /Autonomy and independence/ ✓ Sirni bulchiinsa waldaalee hojii gamtaa akkataa aangoo labsii WHGtiin kennameefiin dhaaba diinagdee fi hawaasummaa ofiin of bulchuu fi bilisummaan kan socho’uu dha. Kana jechuun abbaa aangoo gurmeessuu fi deeggaruuf aangoon seeran kennameefiin ala qaamoleen adda addaa fi dhiibbaan qaama alaa kamiyyuu utuu irra hin ga’iin hojii daldalaa kamiyyuu hojjachuu ni danda’a.

5. Barumsa, leenjii fi odeeffannoo ni kennu /Education, training and information/ Waldaaleen barumsa, leenjii ogummaa fi odeeffannoo wayitawaa argatan miseensota isaaniif yeroo yerootti ni kennu. 6. Waldaaleen kan wal gargaaranu ta’uu isaanii /Cooperation among cooperatives/ ✓ Waldaalee hojii gamtaa gidduutti waldorgommii walii wajjin guddachuu malee, wal kuffisuu waan hin jirreef, karaa itti wal deeggaruu danda’aniin waldeeggaru, wal baasuu, walitti dhufanii walii wajjin ni hojjatu, humna waliif ta’u.

7. Waldaaleen hojii gamtaa hawaasa naannoof ni yaadu, misoomaaf ni gumaachuu /Cooperative concern for community/ ✓ Kana jechuun waldaaleen akkataa karoorfataniin misooma naannoof ni gumaachuu, hawaasaaf ni yaaduu jechuu dha.

Sona waldaalee hojii gamtaa /cooperative values/ 1) Ofiin of gargaaruu 2) Dirqama ofii ba’uu 3) Diimokaraatawaa 4) Walqixxxummaa 5) Haqa qabeessummaa 6) Wal ta’iinsa

Sona Namuusaa Waldaalee hojii gamtaa /Cooperative ethical value/ 1) Amanamummaa 2) Iftoomina 3) Dirqama hawaasummaa 4) Kan biroof yaaduu

2. Caaseeffama WHG Caaseeffama WHG (Organizational Structure) Yaa’ii Koree waliigalaa To’aanno Koree Koree HR Xixiqqaa H/gaggeessaa Hojjetoota Qacaraa 30

1.Yaa’ii walii galaa/General Assembily Waggaatti yoo xiqqaate miseensi hundi walga’ee murtoo adda addaa kan itti dabarsu,KHR,KT fi koree xixiqqaa kan filatuu fi buusuu, murtoo kan dabarsuu/aangoo murteessummaa kan qabu waan ta’eef,Hogganaa ol’aanaa waldaa hojii gamtaati. 31

Filatamtoota/Koreewwan waldaalee 2.1.Koree Hoji-Raawwachiistuu:- Filatamtoota waldaa itti waamamni isaanii yaa’ii walii gala tiif ta’ee, ✓ Gaheen hojii isaa,adda durummaan hojii waldichaa karoorsuu,qindeessuu, ✓ Yaa’ii walii galaan mirkaneessuu,hogganuu fi bu’aa isaa madaalaa deemuu dha. ✓ Barri hojii koree kanaas ta’ee,koreewwan biroo waggaa 3 ta’ee,yoo miseensi kan itti amanu ta’e marsaa lammeef filatamuun ni danda’u, marsaa lama ol garuu gonkumaa hin danda’amu.

2.2.KOREE TO’ANNOO ✓ Filatamtoota waldaa itti waamamni isaanii yaa’ii walii galaaf ta’ee,Koreen hojii raawwachiistuu karaa guutuu ta’een ga’ee hojii isaanii ba’uu isaanii fi qabeenya waldaalee kan to’atuu dha.

Koree xixiqaa adda addaa ✓ Filatamtoota waldaa itti waamamni isaanii Koreen hojii raawwachiistuuf ta’ee,ga’ee hojii itti filataman adda durummaan rawwatanii dha.

3. Qacaramtoota 3.1.HOJI-GAGGEESSAA/MANAAJARA: ✓ Qacaramaa waldaa itti waamamni isaanii Koree hojii raawwachiistuuf ta’ee, kan ogummaa,beekumsa, dandeettii fi muuxannoo hojii qabuun hojii waldichaa karoorsuu,qindeessuu,caasessuu,gaggeessuu,to’achuu fi hogganuu dha.

QACARAMTOOTA BIROO Qacaramaan waldaa itti waamamni isaanii Hoji- gaggeessaaf/ Manaajeraaf ta’ee,hojii irratti qacaraman ogummaa,beekumsa, dandeettii fi muuxannoo qabuun waldichaaf hojjatanuu dha.

Kaayyoo hojii gaggeessummaa waldaa hojii gamtaa ✓ Gahumsa humna raawwachiisummaa waldichaa fooyyessuun qabeenya xiqqaadhaan bu’aa ol-aanaa fiduu, ✓ Fedhii fi hawwii miseensaa guutuu, ✓ Guddina hawwaasaa keessatti uummanni guddina dhuferraa fayyadamaa, bu’a qabeessa fi ilaalcha wal-qixxummaa akka qabaatu gochuu, ✓ Namuusaa fi Onnee miseensaa

Gaggeessummaa waldaa hojii gamtaa itti fufee…. ✓ Walumaa galaan gaggeessummaan waldaa hojii gamtaa cimaan jira kan jedhamu yoo miseensonni,koreewwan sadarkaan jiranii fi qacaramtootni duraa duubaan ga’ee fi itti gaafatamummaa isaanii ba’anii dha. Kanaafuu,Bulchiinsi waldaa hojii gamtaa Ogeessa Ogummaa guutuu qabuun deeggaramuu fi hordofamuun hoggansa cimaaa filatamtootaa fi qacaramtoota gaha qabaniin gahomsuun milkaa’ina guddina waldaaleef murteessaa dha.

Gaggeessummaa waldaa hojii gamtaa itti fufee…. ✓ Hoji-gaggeessummaa WHG keessatti hirmaachisummaan fi aangeessuun miseensaa dhimma filannoo hin qabnee dha. Kun kan dhugoomsu sochii waldaaleen hojjachuuf karoorfatan milkeessuu bira darbee,bu’aa fi kisaaraa dhufuuf itti gaafatamummaa waliin fudhachuun guddina waldoolee kan ariifachiisuu fi itti fufsiisuuf murteessaa dha.

Gaggeessummaa waldaa hojii gamtaa itti fufee…. ✓ Hoji-gaggeessummaan waldaa hojii gamtaa qabeenya horachuu fi maallaqa sochoosuuf qofa osoo hintaane rakkoolee ka’uu danda’an xiixaluun walii galteedhaan hiikuuf of-qoopheessuu of-keessatti qabaata. ✓ Gaggeessummaan cimaan waldaa hojii gamtaa yaadota armaan gadiirratti hundaa’a;

Gaggeessummaa waldaa hojii gamtaa itti fufee…. 1) Yaada murtoo bu’aa bu’a qabeessummaa waldichaa miseensaaf ni mijeessa, 2) Qoodiinsa qooda miiseensa iftoomina qabu ni mijeessa, 3) Haala mijataa karoora waldichaa hojichaaf umuu, 4) Hojiin waldaa hojii gamtaa amala addaa qabu, keessaa,bulchiinsa qabeenya miseensaan hogganamuu fi to’atamu ta’uu isaa hubatanii gaggeessuu dha,

Galmeewwan,Sanadootaa fi harshameewwan herreegaa barbaachisoo ta’an Galmeewwan adda addaa barbaachisaa ta’an keessaa 1. Galmee Qaboo Yaa’ii Walii Galaa, yeroo yaa’iin walii galaa geggeeffamu kan qaboon irratti qabamuudha, 2. Galmee Qaboo Koree hojii Raawwachiistuu, yeroo maree hojii geggeeffamu kan qaboon irratti qabamuu fi murteen seera qabeessi irratti qabamuu dha. 3. Galmee Qaboo Koree To’annoo, yeroo maree hojii geggeeffamu kan qaboon irratti qabamuu fi murteen seera qabeessi irratti qabamuu dha. 4. Galmee Qaboo Koreewwan xixiqqaa adda addaa

5.Galmee Miseensaa ❖ Galmee Miseensaa, Oornela miseensotaa guutuu ta’e kan irratti guutamuu dha, ❖ Qabiyyee Galmee Miseensotaa: 1. Lakkoofsaa Galmee, 2. Maqaa guutuu, 3. Saala, 4. Umurii, 5. Sad. Barumsaa, 6. Guyyaa fi bara miseensa itti ta’e, 7. Qooda bitachuuf waadaa galee, 8. Qooda bitate, 6. Galmee Qabeenyaa Dhaabbataa

Harsheewwan Herreegaa 1. Naga’ee Galii fi Baasii Maallaaa/qarshii, 2. Naga’ee Galii fi Baasii Mana Kuusaa, 3. Galmee Herreega Galii fi Baasii/Joornaalii,

Sanadoota Herreegaa adda addaa 1) Unka ajaja baasii Maallaqa, 2) Unka tursiisa maallaqa baasii, 3) Unka kaffaltii hojii humnaa

KAROORA HOJII DALDALAA/BUSINESS PLAN Qabiyyee Karoora ✓Seensa ✓Ibsa haala walii galaa ✓Kaayyoo ✓Galmaa • Galmaa Tajaajila kennuu • Galmaa Bu’aa maallaqaa

KAROORA HOJII DALDALAA ✓Hojii ijoo waldichi hojjatu ✓Xinxala haala Gabaa ✓Tarsimoo/Tooftaa Raawwii ✓Rakkoolee mudachuu danda’anii fi Furmata isaanii

Fakkeenya qophii karooraa karoora waggaa bara 20114 WHG BBH abdii boorii T/L Hojii Karoorfaman Safar Karoora Yeroo Raawwii bara Kurmaanaan 1Miseensa horachuu WHGB Lakk. 2014 1ffaa 2ffaa 3ffaa 4ffaa 5 8 52 2Kaappitaala horachuu Qar. 20 430000 230000 120000 80000 2.1QMoisoedeandsoatbaatltaitgauarguruu Qar. 270000 150000 80000 40000 2.2QhaoaordaaattMi igsueregnusroutua Qar. 160000 80000 40000 40000

KAROORA WAGGAA BARA 20114 WHG BBH ABDII BOOR T/L Hojii Safar Karoora Kurmaana 4ffaa Karoorfaman bara 2014 1ffaa 2ffaa 3ffaa 3Buna Gogaa Bituu KG 160000 100000 60000 45 40 50 3.1 Gatii bittaa KG- Qar. 1/tokkoo 7200000 3.2 Gatii bittaa Qar 1080000 4500000 2700000 hundaa 9600000 1320000 3.3 Baasiwwan adda Qar 675000 405000 addaa 9600000 1320000 3.4 Gurgurtaa Qar. 3.5 Bu’aa hin Qar. ququlloofne

KAROORA WAGGAA BARA 20114 WHG BBH ABDII BOOR T/L Hojii Karoorfaman Safar Karoora Kurmaana bara 2014 1ffaa 2ffaa 3ffaa 4ffaa 7 dQhoiryqeoersrsouou Lakk. 1000 500 500 7.1Gatii bittaa tokkoo Qar. 300 300 300 7.2Gatii bittaa hundaa Qar 300000 150000 150000 7.2.1Badadasaiawwan adda Qar 20000 10000 10000 7.2.2Gurgurtaa Qar. 350000 177500 177500 7.2.3qBuuq’auallhoionfne Qar 30000 15000 15000


Like this book? You can publish your book online for free in a few minutes!
Create your own flipbook